Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan aanotaa fi manaajimantii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Godina Harargee Bahaa waliin mariin taasifame…

Dhimmi gibiraa fi taaksii dhimmoota Xiyyeeffannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa irratti Hojjetu keessaa isa tokkoodha. Akkuma beekamu maddi galii biyya keenyaa inni guddaan gibiraa fi taaksii irraa kan argamuudha. Mootummaan bu’uuraalee misoomaa uummataaf kan hojjetu galii gibiraa fi taaksii irraa walitti qabuuni. Galii gibiraa fi taaksii kana qixa barbaadameen kafaluu keessatti akkuma namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen gibira kafaluun dirqama lammummaa ta’uu hubatanii karaa seera qabeessaan kafalan jiran kanneen hanga galii isaanii dhoksuun gibira silaa kafaluu qaban hin kafallee fi kanneen gonkumaa hin kafalles ni jiru.

Isa kana addaan baasaa warra dirqama lammummaa isaanii hin bahanne irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun galii gibiraa fi taaksii mootummaa qixa barbaadamuun akka sassaabamuuf Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa haala addaan irratti xiyyeeffatee kan hojjechaa jiruudha. Kana milkeessuudhaafis gaafa guyyaa 29/07/2014 Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godinaa Obbo Joonii Maammuyyee fi Abbaan Adeemsa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa fi Taaksii Obbo Girmaa Ballaxaa bakka itti gaafatamtootni Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanota 20 jiranitti, itti gaafatamtoota waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan aanotaa fi manaajimantii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Godina Harargee Bahaa waliin haala galiin gibiraa alatti hafe itti galuu danda’uu fi qaamota gibira mootummaa isaan irraa barbaadamu kafallee fi adeemsa sassaabbii gibira mootummaa keessatti danqaa ta’an irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamu akka qubuu fi kana gochuuf immoo waajjiroonni lamaan walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban waliigalamee jira.

Author

Leave a Comment