✍️Qorataan poolisii shakkamaa osoo gadi hin lakkisinii fi mana murtii osoo hin dhiyeessin sa’aatii daangeffamee ol yoo tursiise furmaanni battalaa shakkamaan qabu bu’uura SDFY Kw. 64tiin mirga wabii gaafachuudha. Gaaffiin mirga wabii kun barreeffamaan kan qophaa’u ta’ee, mallattoo shakkamaa iyyateetiin mirkanaa’ee dhiyaata Gaaffii mirga wabii bu’uura SDFY kw. 64tiin dhiyaateef ilaalee manni murtii yaada qorataa poolisii ykn abbaa alangaa fudhachuun sa’aatii 48:00 keessatti murtee kennuu qaba. Kana jechuun gaaffiin mirga wabii dhiyaatee guyyaa lama keessatti furmaata argachuu waan qabuuf, dhimmoota biroo caalatti dursi kennameefii ilaallamuu qaba. Abbaan alangaa ykn qorataan Poolisii gaaffii mirga wabii irratti yaada kennu of eeggannoodhaan dhimmoota qulqulleeffatee ta’uu qaba.
✍️Mormuufis ta’e moormuu dhiisuuf sababa haqa qabeessa ibsuun manni murtii ajaja haqa qabeessa akka kennuuf deeggaruu qaba. Caalatti, mormiin isaa seeraa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’uu qaba malee tilmaama miira dhuunfaa irraa madduun ta’uu hin qabu.
✍️Mirgi wabii kan hayyamamu dirqama wabii mallatteessisuu dhaan ykn maallaqa dirqamni
ittiin seenamu mana murtiitti qabsiisuudhaan,gama tokkoon bilisummaa shakkamaa kan eegsisu ta’ee, gama biraatiin immoo dhaddacharratti argamuu himatamaa dirqisiisu olaantummaa seeraa kabachiisa. Kanaafuu,mirgi wabii waadaa himatamaan/shakkamaan ykn namni biroo akka shakkamaan/himatamaan dirqama beellama fuulduraa sirnaan hordofuuf seenamuudha.
✍️Akka qajeeltootti, namni sababa gocha yakkaatiin too’atame kamiyyuu wabii qabsiisee ykn waamee gadi lakkifamuuf mirga qaba. Haala addaatiin garuu, ulfaatina gocha raawwatamee, cimina adabbii yakkichi hordofsiisuu fi haala miidhamaan yakkaa keessatti argamu tilmaama keessa galchuudhaan mirgi wabii dhoorkamuu ni danda’a.Dhimmi shakkamaan ittiin himatame du’aan kan isa adabsiisu yoo ta’e ykn hidhaa cimaa waggaa 15 ykn sanaa oliin kan adabsiisuu fi miidhamaan yakkichaa hubaatii isa irra gaheen kan du’uu danda’u yoo ta’e mirgi wabii hin hayyamamu.
✍️Dabalataanis, bu’uura SDFY kw. 67tin sababoota amala shakkamaa tilmaama keessa galchuun haallan gaaffii mirga wabii fudhatama dhabsiisan jiru. Isaanis: shakkamaan iyyata mirga wabii dhiyeeffate dirqama wabummaa seene hin raawwatu jedhamee yoo yaadame, gaafa wabiidhaan gadi lakkifame yakka biroo raawwachuu danda’a jedhamee yoo sodaatame ykn ragaa balleessuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame mirgi wabii dhoorkamuu ni mala. Akkaataa seera kanaatti gochi shakkamaan ittiin himatame mirga wabii kan dhoorkachiisuu miti. Amalaa fi naamusa shakkamaattu mirga wabii isa dhabsiisa.
✍️Tumaan seeraa SDFY kw. 67 jalatti kaa’ame hojimaata keessatti haala sababaawaa fi haqa qabeessummaa hin qabneen yoo hiikamu ni mul’ata. Fknf: shakkamaan ykn himatamaan sababa waraqaa eenyummaa ykn bakka jireenyaa dhaabbataa hin qabneef jechuun abbaan alangaa gaaffii mirga wabii yoo mormuu, manni murtiis mormii kanaan yoo gaaffii mirga wabii kufaa taassisu ni mul’ata. Haa ta’u malee, murtii MMWF Dh/ijibbaataa galmee lakk. 131863 irratti kenneen shakkamaan magaalaa keessatti bakka jireenyaa ykn waraqaa eenyummaa dhaabbii hin qabu jechuudhaan mirga wabii shakkamaa dhorkachuun heera mootummaa kan dhiibu ta’uu kaa’eera. Akkasumas, dhadachi kun mirga wabii ilaalchisee murtii biroo kenneen shakkamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii isaa hin raawwatu jechuudhaaf sababni gahaa fi seerawaa ta’e, sababni gahaa fi seerawaa kunis qixa haalawwan naannoo gargaraa fi qixa yakkichaatiin ilaalamuu qaba jedheera.
✍️Dirqamoota mirga wabii keessatti mallatteeffaman keessaa tokko guyyaa beellamaatti sa’aatii dhaddachaa kabajanii mana murtii dhiyaachuudha.Dirqamni biraa hawaasa irratti yakka biroo raawwachuu irraa of qusachuu shakkamaati. Walitti dhiyeenya qabuun, maallaqa isaatiin ykn haala kamiinuu ragaa sossobee, gowwoomsee, doorsisee, biyyaa baasee karaa kamiinuu kan balleessu yoo ta’e mirgi wabii isaa mormamuu fi dhoowwatamuu ni danda’a. Tilmaamni seeraa amalaa fi gocha shakkamaa mirgi wabii ittiin mormamu kamiyyuu ragaadhaan deeggaramuu qaba. Sababa qabeessummaan isaatis abbaa seeraa amansiisuu qaba.
✍️Dhaddachi yakkaa gaaffii mirga wabii dhiyaate simatee kan keessummeesse yoo ta’e haallan ittiin hayyame murteessuu qaba. Manni murtii hamma maallaqa dirqamni wabummaa ittiin seenamuu akka itti fakkaatetti murteessuu ni danda’a. Ta’us garuu, ulfaatina yakkichaa, deebi’ee dhufuu irratti amanamummaa shakkamaa, gadi lakkifamuun shakkamaa balaafamummaa nageenya hawaasaa irratti qabuu fi humna diinagdee shakkamaa ykn nama inni wabii waammatuu tilmaama keessa kan galchu ta’a.
✍️Sadarkaa qajeeltootti shakkamaan ykn himatamaan yakkaa dirqama wabummaa seename ni kabaja jedhamee tilmaamama.Haa ta’u malee, shakkamaan ykn himatamaan erga wabiidhaan bahee booda dirqama seenee dhiisuudhaan beellama irraa kan hafu yoo tahe poolisiidhaan qabamee akka dhiyaatu ajajama.Dirqama wabii kan mallatteesseef nama 3ffaa yoo ta’e wabiin maallaqa ittiin dirqama seene mootummaaf sababa galii hin gooneef yoo qabaate dhiyaatee akka ibsu gaafatama.108 Wabichi dhiyaachuu yoo dide maallaqichi mootummaaf galii taasifama.
✍️Kanumaan dirqamni wabummaa nama himatamaaf wabii ta’eef sana irraa buufama. Haalota armaan ol ibsamaniin alattis, mirgi wabii hayyamamee ture sababoota adda addaatiin haqamuu ni danda’a. Namni shakkamaaf/himatamaaf dirqama wabii ta’e yoo du’e ta’e dirqamni wabii sun hafaa ta’eeti shakkamaan/himatamaan wabii biraa akka dhiyeessu taassifama.
✍️Himatamaan/shakkamaan dirqama wabii seene bahuu kan hin dandeenye yoo ta’e mirgi wabii haqamuudhaan deebi’ee to’annaa jala tura. Dabalataanis, yemmuu wabummaan hayyamamu gochoonni akka gowwoomsuu ykndogoggorsuu raawwataman yoo ta’e ykn yakka raawwatameen wal qabatee firiin dubbii haaraa argame shakkamaan wabii gahaa akka dhiyeessuuf ykn to’annaa jala akka turuuf manni murtii ajajuu ni danda’a.Dabalataan, abbaan alangaa himata dhiyeessee ture yoo kaase dirqamni wabummaatis walumaan ka’a.
✍️Namni himataaf/shakkamaaf dirqama wabii seene shakkamaan/himatamaan ni miliqa jedhee yeroo shakkeetti mana murtii beeksisuun, manni murtiis shakkamaa/himatamaa to’annaa jala erga oolcheen booda dirqama wabii iyyataa ni haqa. Akkasumas, namni dirqama wabii shakkamaa/himatamaaf galee nama mirgi wabii eegameef qaamaan mana murtiitti dhiyeessuun dirqama wabii haqsiisuu irra darbee,yeroo barbaadeetti dirqama kana irraa bilisa ta’uuf mana murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni murtiis shakkamaa/himatamaa deebisee to’annaa jala erga oolcheen boodatti dirqama wabii iyyataa kan haqu ta’a.Yeroo kanatti himatamaan/shakkamaan wabii biraa akka dhiyeessuuf carraan kan kennamuuf tahee, dhiyeessuuf garuu fedhii ykn dandeettii kan hin qabne yoo ta’e to’annaa jala akka turu taassifama.
✍️Gaaffiin mirga wabii shakkamaa yemmuu kufaa taasifamu shakkamaan guyyoota 20 keessatti oliyyata gaafachuu akka danda’u SDFY kw.75(1) kaa’eera. Keewwatni kun eegamuu mirga wabii irratti abbaan alangaa komii yoo qabaate ta’e iyyachuu danda’uu fi dhiisuu ifaan kaa’uu yoo baatees murtiin MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk.110969 kenneen abbaan alangaa illee komii yeroo qabuutti oliyyachuu akka danda’u hiikeera.Dabalataanis, falmiin mirga wabii mana murtii oliyyata dhagahuun ilaallamee yoo murtaa’e, murtichi kan xumuraa ta’a jechuu SDFY kw. 75(2) jalatti kan tume yoo ta’ees murtii MMWF Dh/Ij lakk.galmee 146727 irratti kenneen mirga wabii dhiyaate manni murtii heeyyamee, murtii kana komachuun AA oliyyannoo fudhatee murtii mana murtii jalaa haqsiisuun mirga wabii kan mulqisiise yoo ta’e murtii kanarratti iyyatan oliyyachuu kan danda’u ta’uu ibseera.
Seerotaa_fi_MDHIMMWF_mirga_wabiin_wal_qabatan
👉HMFDRI bara 1995 bahe keewwata 19(6)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 63-78, 125
👉M/dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 131863, 08/03/2009 murtaa’e
👉 M/Dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 134228, 08/06/2009 murtaa’e]
👉M/Dh/Ij/MMWF, lakk. Galmee 110969, gaafa 28/11/2007 murtaa’e
👉MMWF Dh/Ij, Jildii 22, lakk. Galmee 146727, gaafa 20/02/2010 murtaa’e