Sirreeffamtoota dubartii fi daa’imman maatii isaanii waliin mana sirreessaa Addeellee keessatti argamaniif deggarsi taasifame

Godina Harargee Bahaatti atoomina waajjira bulchiinsa godina Harargee Bahaa,waajjira Abbaa Alangaa godina Harargee Bahaa fi waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii godina Harargee Bahaatiin deeggarsi uffataa gosa adda addaa fi firaasha ciisichaa bakka Kab.Aadde Addunyaa Ahmad Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi kab.Aadde Miskii Mohaammad Bulchaa godina Harargee Bahaa,akkasumas koreen qindeessaa godinaa argamanitti sirreeffamtoota dubartii fi daa’imman maatii isaanii waliin mana sirreessaa Addeellee keessatti argamaniif taasifamee jira.Deeggarsi kunis meeshaalee qulqullinaa,uffata guutuu dubartoota 110 fi daa’imman lakkoofsaan 50 ta’aniif,akkasumas dubartoota 50 ta’aniif immoo kophee lukaa,dabalataanis uffata halkanii firii 25 fi firaashii ispoonjii firii 25 kan hammatuudha.Saganticha irratti Kab.Aadde Addunyaa Ahmad,Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa,ergaa dabarsaniin;dubartootaa fi daa’imman maatii isaanii waliin manneen sirreessaa keessa jiraniif deeggarsi addaa kan barbaachisu ta’uu eeruun,sirreeffamtootni seeraa turtii mana sirreessaa keessatti dabarsaniin naamusa gaarii horachuudhaan badii yakkaa raawwatanittis sheena’uun hawaasatti yeroo deebi’anii makaman yakka irraa of qusachuu akka qabanis dhaamanii jiru.Dhuma irrattis jilli kuni Giddugala Qorannoo Dhukkuba Sammuu shakkamtootaa/himatamtootaa Barii kan achuma mana sirreessaa Addeellee keessatti argamus daaweatanii jiru.Haqaaf Haqaan Hojjenna!

Author

Leave a Comment