Himatamaan obboleessa isaa haala sukaneessaan ajjeese adabame!

#Oduu dhaddachaatiin:
Himatamaan obboleessa isaa haala sukaneessaan ajjeese adabame!
Himatamaan Faamii Ahmaddiin Ayyuub jedhamu gaafa 30/05/2013 halkan keessaa toora sa’aatii 8:00 tiitti godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa araddaa Ballaa Laangeey ganda Wucaalee jedhamu keessatti sababa lola dura qabaniif obboleessa isaa du’aa ammaa maqaan isaa Ra’uuf Ahmaddiin Ayyuub jedhamu Ooyruu isaa (du’aa) keessatti itti dhaqee qottoo gama qaraatiin mataa sammuu walakkaa haala gara jabina agarsiisuun yeroo sadi iddoo sadi dhahuun miidhaa cimaa irraan gahuun battalumatti waan ajjeeseef galmeen yakkaan irratti qulqullaayuun Abbaan Alangaa godina Harargee Bahaa gaafa guyyaa 16/06/2014 seera yakkaa keewwata 539(1,a) jalatti himatamaa kanarratti himannaa yakka ajjeechaa lubbuu namaa cimaatiin hundeessee MMO godinichaatti falmii gaggeessaa tureera.Manni murtichaas dhaddacha gaafa guyyaa 07/08/2014 ooleen himatamaa keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuun hidhaa cimaa waggaa 18 adabee jira!
Haqaaf Haqaan Hojjenna!

Author

Leave a Comment