Himatamaan haadhaa fi obboleewwan isaa lama ajjeesee abbaa isaa irratti yakka yaalii ajjechaa raawwate hidhaa umrii guutuun adabame!

Dubbiin akkana:
Himatamaan Arab Usmaan Huseen jedhamu godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Saqabaadir ganda Qalaadaa jedhamu keessatti sababa dachii miraaza naaf kennuu diddan jedhuun haaloo(hijaa) qabachuun yeroo nyaanni hojjetamu dhokatee eeguun mana nyaanni itti qophaa’u(” kushiinaa”) seenee shuroo(marqaa) bilchaatetti summii fosfeetii jedhamu naquudhaan nyaaticha summeessee haati isaa Maariyamaa Muummee fi obboleeyyan isaa kan dubartii lama Faa’imaa Usmaan fi Shaartuu Usmaan jedhan nyaata marqaa himatamaan summeesse nyaachuun battalumatti du’anii,abbaan isaa obbo Usmaan Huseenis marqaa summaaye nyaatee sababa wal’aansa argateen lubbuun isaa waan ooleef himatamaan yakka ajjeechaa lubbuu nama sadii fi yaalii ajjechaa nama tokko irratti raawwateef galmeen qorannoo yakkaa irratti qulqullaayee waajjira A/A godinaatiif ergameera.
Abbaan Alangaa godinaas dhimmicha keewwata seera yakkaa rogummaa qabu waliin xinxaluun himatamaa kanarratti himannaa sadi seera yakkaa kew.539(1,a) jalatti hundeessuudhaan gaafa 7/03/2014 MMO tti dhiyeessee falmaa tureera.Manni murtichaa dhimmicha irratti bitaa fi mirga falmisiisaa erga tureen booda dhaddacha gaafa 22/07/2014 ooleen himatamaa keewwata ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuudhan adabbii hidhaa “Umrii Guutuu”n akka adabamu murteessee jira!
Haan Haqaaf Hojjenna!!

Author

Leave a Comment