Qabeenyaa Dhaalaa Qulqulleessuun Maaliif barbaachisa? (A/Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin)

Maalummaa Qabeenya Dhaalaa qulqulleessuu (Liquidation) Seera Hariiroo Hawaasaa keenya keessatti qulqulleessa qabeenyaa dhaalaa jechuun:-dhaala kan fudhatu eenyufaa akka ta’e murteessuu, qabeenyi dhaalaa maal akka ta’e murteessuu,kaffaltii dhaalaa simachuu, idaa dhaalaa dirqama kaffalamuu qabu kaffaluu fi dhaalchisaan dhaamoo addaatiin kennaa taasise yoo jiraate kaffaluu fi dhaamoo raawwachiisuuf tarkaanfiwwaan barbaachisaa ta’an kan biroo raawwachuu akka ta’e tumaalee … Read more

Aanaa Meettaatti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa gaafa guyyaa 10/2/2015 hawaasa Araddoota Haqa Baas fi Odaa Waltahaatiif hubannoo seeraa kenneera. #Haqaan haqaaf hojjanna!

Aanaa Gola Odaatti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gola Odaa hojjattoota Aanichaatif mata-duree Labsii Yakkoota Malaammaltummaa lakk.881/2007 irratti miidhaa yakki malaammaltummaa dinagdee fi guddina biyya irratti geessisun walqabatee gaafa guyyaa 09/02/2015 hubannoo seeraa kenneera. #Haqaan_haqaaf_hojjanna!

Hojii addaan kutuu (A. Alangaa Tsaggaamikaa’el Masfinin)

Gaa’ila keessatti namoonni lama maatii hundeessanii umrii guutuu waliin jiraachuuf waadaa waliif galu. Hariiroowwan namoota jiddutti uumaman hedduun garuu daangaa yeroo qabu. Kanneen keessaa hariiroon hojiin umamu tokko. Hojjataa fi hojjachiisaan hanga yeroo murtaa’ee tokko hojii tokko raawwachuuf waliigalu. Kanaaf waliigalteen kun yeroo itti dhaabbatu qaba. Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa lakk. 1156/2011 irraa akka hubatamutti waliigalteen qaxarrii kaka’umsa … Read more

Mirgoota Shakkamaa Qorannaa Yakkaa Keessatti Eegamuu Qaban (A.Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin)

✍️Shakkamaa irratti qorannoo yakkaa gaggeessuuf shakkamaa ilaalchisee komiin ykn eeruun ykn yakki harkaaf harkatti qabame ykn odeeffannoon shakkamaa ilaalchisee bifa al-idilee ta’een argame jiraachuu qaba. Namni tokko shakkamuu dhiisuuf mirga akka hin qabne Poolisiinis otuu yakki dalagamuu isaa shakkii ykn odeeffannoon hin qabaatiin sababa tokko malee nama qabuu fi qorannoo irratti gaggeessuuf aangoo hin qabu. … Read more