Aanaa Malkaa Bal’ootti…

Gaafa guyyaa 5/4/2015 milishoota leenjii irra jiraniif mata duree heera mootummaa federaalaa, heera naannoo oromiyaa, seera yakkaa,mirgaa fi dirqama milishaa irratti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’ootiin leenjiin guyyaa tokkoo kennamee jira.

Aanaa Baddannootti…

Gaafa guyyaa 5/4/2015 Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo leenjii milishaaf Araddaa hunda irraa namoota walitti bahanif Dhimma Heera Mootuummaa, Mirga Namoomaa Fi seera Yakkaa kutaa waligalaa irratti hubannoo seeraa kenne jira.

Yakka Ajjeechaa lubbuu fi Adabbii isaa (A/Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin)

 Maalummaa yakka ajjeechaa Lubbuu Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon meeshaa yookiin tooftaa akaakuu kamiiniyyuu nama biroo kan ajjeese yoo ta’e ajjeesaa lubbuuti.  Adabbiin nama itti yaadee yookiin dagannoon nama ajjeesuun balleessaa ta’erratti murtaa’u, akka salphinaafi cimina ajjeechaa sanaatti bu’uura tumaalee ajjeechaa lubbuu seera yakkaa keessatti ibsamaniin murtaa’a.Itti yaadee yookiin dagannoon kan nama ajjeese hundi … Read more

Aanaa Qarsaatti… (hubannoo seeraa)

Gaafa guyya 11/2/15 Aanaa Qarsaa Aradda Wichirootti mata dureewwan labsii yakka shororkeessummaa ittisuf bahe akkasumaas dhimma dubartii fi da’immanii irratti fi istaandaardii kenna tajaajila Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa irratti hawaasaaf hubannoon seeraa kennamera.Haqaan haqaaf hojjanna.

Aanaa Meettaatti (hubannoo seeraa)

Waajjirri A/Alangaa Aanaa Meettaa gaafa guyyaa 11/2/2015 hawaasa Araddoota Caffee Rammis, Dhoqqee lakk 1 fi Dhoqqee lakk 2 irraa walitti qabamaniif hubannoo seeraa kenneera.