Himatamaan obboleessa isaa haala sukaneessaan ajjeese adabame!

#Oduu dhaddachaatiin: Himatamaan obboleessa isaa haala sukaneessaan ajjeese adabame! Himatamaan Faamii Ahmaddiin Ayyuub jedhamu gaafa 30/05/2013 halkan keessaa toora sa’aatii 8:00 tiitti godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa araddaa Ballaa Laangeey ganda Wucaalee jedhamu keessatti sababa lola dura qabaniif obboleessa isaa du’aa ammaa maqaan isaa Ra’uuf Ahmaddiin Ayyuub jedhamu Ooyruu isaa (du’aa) keessatti itti dhaqee qottoo … Read more

Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan aanotaa fi manaajimantii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Godina Harargee Bahaa waliin mariin taasifame…

Dhimmi gibiraa fi taaksii dhimmoota Xiyyeeffannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa irratti Hojjetu keessaa isa tokkoodha. Akkuma beekamu maddi galii biyya keenyaa inni guddaan gibiraa fi taaksii irraa kan argamuudha. Mootummaan bu’uuraalee misoomaa uummataaf kan hojjetu galii gibiraa fi taaksii irraa walitti qabuuni. Galii gibiraa fi taaksii kana qixa barbaadameen kafaluu keessatti akkuma namoonni … Read more

Himatamtootni gareen ta’uun yakka ajjeechaa sukanneessaa raawwatan hidhaa umrii guutuu fi hidhaa cimaa waggaa 18 tii adabaman!

Himatamtootni 1ffaan Saadiqaa Abraahim Abdullaa,2ffaan Nujumaa Abraahim Abdullaa fi 3ffaan Saafiyaa Yuusuf Alii jedhaman sababa himataaan 1ffaan du’aa ammaa Mahaammad Abdurramaan jedhamu waliin lola qabaniif yeroo adda addaa du’aa kanaan si ajjeesna jedhanii itti dhaadachaa turuun gaafa guyyaa 22/05/2013 guyyaa irraa too sa’aatii 10:00 yoo ta’u godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa araddaa Samiirgel ganda Usmeel … Read more