Aanaa Malkaa Bal’ootti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’oo gaafa guyyaa 5/02/2015 duula chaartarii lammiilee labsuu eegaleen Araddoota 4 bira gahuun hawaasaafis ibsi kennameera. Guyyaa borus duulli kun cimee itti fufa jedhamee eeggama. #Maddi– I/Gaafatamaa WAAAMB Chaartariin Lammiilee Dhaabbatni tokko sadarkaa ykn istaandardii kenna tajaajilaa, qulqullinaa fi yeroo kenniinsa tajaajilaa, mala komiin itti furamu, iftoominaa fi itti gaafatamummaa … Read more

Sirreeffamtoota dubartii fi daa’imman maatii isaanii waliin mana sirreessaa Addeellee keessatti argamaniif deggarsi taasifame

Godina Harargee Bahaatti atoomina waajjira bulchiinsa godina Harargee Bahaa,waajjira Abbaa Alangaa godina Harargee Bahaa fi waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii godina Harargee Bahaatiin deeggarsi uffataa gosa adda addaa fi firaasha ciisichaa bakka Kab.Aadde Addunyaa Ahmad Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi kab.Aadde Miskii Mohaammad Bulchaa godina Harargee Bahaa,akkasumas koreen qindeessaa godinaa argamanitti sirreeffamtoota dubartii fi daa’imman … Read more

Qarshiin 52,378,722.4 kaaznaa mootummaati akka hin baani taasifame…

Raawwii Hojii Dhimmoota HH kan waggaa sadii sadarkaa godinaa qofatti hojjetameen maallaqni Qarshiin 52,378,722.4 kaaznaa mootummaati akka hin baani taasifamee jira! Hojiileen kuniinis seektaraa fi aanaadhaan gabatee armaan gadii keessatti ibsamee jira.

Himatamaan Ragaa sobaa qopheesse adabame!

Himatamaan Amiin Abdullaahii Alii jedhamu kan mooraa Mana Murtii Olaanaa godina Harargee Bahaa fuula duratti hojii Barreessaa Dhimma Seeraa hojjechaa ture nama Abraahim Yuusuf jedhamu kan aanaa Meettaatti nama biraan dhimma hariiroo hawaasaa(falmii dachii)n himatamee itti murtaa’uun ol iyyata gara MMO fudhachuun itti cimnaan gorsaaf gara isaa(himatamaa amma adabamee) dhaqeen maallaqa Qar.14,000 fidi murtii akka … Read more

Himatamaan haadhaa fi obboleewwan isaa lama ajjeesee abbaa isaa irratti yakka yaalii ajjechaa raawwate hidhaa umrii guutuun adabame!

Dubbiin akkana: Himatamaan Arab Usmaan Huseen jedhamu godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Saqabaadir ganda Qalaadaa jedhamu keessatti sababa dachii miraaza naaf kennuu diddan jedhuun haaloo(hijaa) qabachuun yeroo nyaanni hojjetamu dhokatee eeguun mana nyaanni itti qophaa’u(” kushiinaa”) seenee shuroo(marqaa) bilchaatetti summii fosfeetii jedhamu naquudhaan nyaaticha summeessee haati isaa Maariyamaa Muummee fi obboleeyyan isaa kan dubartii … Read more