Bakka bu’ummaa haquu ykn ofirraa kaasuu…

Aangoo bakka bu’ummaa haquuf (SHH kewt. 2226)
Bakkaa bu’umaa kennamee haquuf ulaagawwan armaan gadii gutamuu qabu.
1) Barreeffama bakka bu’ummaa kaasuuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaate
2) Waraqaa eenyummaa nama bakka bu’ummaa kaasu dhihaate
3) Aangoo bakka bu’uummaa akka ka’uuf barbaadame originaala ykn koppii isaa yoo jiraatee dhihaachuu qaba. Kun akkumaa eegameetti ta’e ragaan kun kan hin jirre yoo ta’e bakka buusaan guyyaa ykn yeroo ragaan kun kenname ibsuun bakka bu’umaa isaa haquu ni danda’a.
4) Namni aangoo bakka bu’uummaa kaasuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuu qaba.
5) Bakka bu’ummaa kaasuun kun kan hojjatamu bakka duraan itti galmaa’etti ta’uu qaba

Aangoo bakka bu’ummaa deebisuu ykn ofirraa kaasuu(SHH kewt.2229-1)
1) Bakka bu’umaa deebisuu namnii dhiyaatuu ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba.
(a) Barreeffama bakka bu’ummaa deebisuuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaate
(b Namni aangoo bakka bu’ummaa deebisuu barbaaduu nama bakka isaa buuse sana beeksisuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.
(c) Bakka bu’aankun bakka buusaa isaa beeksisuu isaa jecha kakuutiin mirkaneessee dhiheessuu qaba.
2) Waraqaa eenyummaa nama bakka bu’ummaa deebisu dhihaate
3) Aangoo bakka bu’uummaa deebi’uufbarbaadame originaala ykn koppi isaa yoo jiraatee dhiheessuu qaba.
4) Ragaanarmaan olitti ibsaamee kun kan hin jirre yoo ta’e bakka bu’aan guyyaa ykn yeroo ragaan kun kenname ibsuun bakka bu’umaa isaa deebisuu danda’a.
5) Namni aangoo bakka bu’uummaa deebisuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuu qaba.
6) Bakka bu’ummaan deebi’u kun bakka duraan itti galmaa’etti ta’uu qaba.

Haqaan haqaaf hojjanna!!!

Author

Leave a Comment