Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaatti Gamaggamni raawwii karoora bara 2014 fi ka’umsa karoora bara 2015 gaggeeffamaa jira…

👉 Sagantaan kun eebba manguddootaan kan eegalame yoo tahu Itti Gaafatamtuun Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Ad. Munaa Abdurahmaan saganticha irratti haasaa baninsaa taasisuun jalqabsiisanii jiru. 👉 Sagantaan kun Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaa akkasumas Hojjettoota karooraa Aanotaa waliin magaala Hararitti gaggeeffamaa jira.👉 Turtii ganama kanaatiin gabaasni Waajjira Abbaa Alangaa kan dhihaate yoo tahu … Read more

Bakka bu’ummaa haquu ykn ofirraa kaasuu…

Aangoo bakka bu’ummaa haquuf (SHH kewt. 2226)Bakkaa bu’umaa kennamee haquuf ulaagawwan armaan gadii gutamuu qabu.1) Barreeffama bakka bu’ummaa kaasuuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaate2) Waraqaa eenyummaa nama bakka bu’ummaa kaasu dhihaate3) Aangoo bakka bu’uummaa akka ka’uuf barbaadame originaala ykn koppii isaa yoo jiraatee dhihaachuu qaba. Kun akkumaa eegameetti ta’e ragaan kun kan hin jirre yoo ta’e … Read more

Duulli biqiltuu dhaabuu akka Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee bahaatti taasifame.

Duula ashaaraa magariisaa bara kana gaggeeffamaa jiru irratti Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa gahee isaa bahuf gaafa 21/11/2014tti hojjattoota Waajjirichaa hirmaachisuun biqiltuun gara garaa dhaabame jira. Itti Gaafatamtuun Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Kabajamoo Ad. Munaa Abdurahmaanis sagantaa kana irratti hirmaatanii jiru.

Himatamtoonni midhaan gargaarsaa humnaan hatan hidhaa cimaa waggaa 3tin adabaman…

Himatamtoonni Aliyyii Abraahim Jibraa’il faana namoota Afur ta’ani badhaadhina isaaniif hin malle Ofiif argachuuf yaaduun Gaafa guyyaa 9/11/2014 guyyaa irraa sa’aa 11:30 yeroo ta’utti, A/M/Muluqqee Araddaa Gaara Barcee iddoo addaa Kootaraa jedhamutti midhaan qamadii gargaarsa Ummataaf karaa Waajjira Qonnaa fi qabeenya Uumama Aanichaatiin qamadii kuntaala 20(digdami) Bulchiinsa Araddaa Gaara Barcee qeebalchiifame bakka Ummataaf raabsuuf gadi … Read more

Adoolessa 7/ 2014 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo tiin hubannoon seeraa kennamee jira.