Aanaa Meettaatti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa gaafa guyyaa 10/2/2015 hawaasa Araddoota Haqa Baas fi Odaa Waltahaatiif hubannoo seeraa kenneera. #Haqaan haqaaf hojjanna!

Aanaa Gola Odaatti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gola Odaa hojjattoota Aanichaatif mata-duree Labsii Yakkoota Malaammaltummaa lakk.881/2007 irratti miidhaa yakki malaammaltummaa dinagdee fi guddina biyya irratti geessisun walqabatee gaafa guyyaa 09/02/2015 hubannoo seeraa kenneera. #Haqaan_haqaaf_hojjanna!

Aanaa Malkaa Bal’ootti…

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’oo gaafa guyyaa 5/02/2015 duula chaartarii lammiilee labsuu eegaleen Araddoota 4 bira gahuun hawaasaafis ibsi kennameera. Guyyaa borus duulli kun cimee itti fufa jedhamee eeggama. #Maddi– I/Gaafatamaa WAAAMB Chaartariin Lammiilee Dhaabbatni tokko sadarkaa ykn istaandardii kenna tajaajilaa, qulqullinaa fi yeroo kenniinsa tajaajilaa, mala komiin itti furamu, iftoominaa fi itti gaafatamummaa … Read more

Galmeessa Elektirooniksii (e-filing) fi teknooloojii Viidiyoo konfiraansi (VC)

Galmeessa Elektirooniksii (e-filing) E-filing jechuun maali? E-filing ykn Electronic Filing jechuun sirna galmeessa elektirooniksii sanadoonni adda addaa Mana murtii, Waajjira Abbaa Alangaa fi Waajjira poolisii jidduu ittiin daddabarfaman yoo tahu toora intarneetii fayyadamuun kan hojjatudha. Galmeessi Elektironiksii (E-filing) biyya Amerikaa (USA) kessatti dhaabbata Galii Keessoo (IRS) jedhamee beekkamuun bara 1986 A.L.A. yeroo duraatif hojiirra oole. Yeroo sanittis … Read more

Bara hojii 2014tti Raawwii hojii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaatiin… Galmeen himataa 6576, Galmeen Hariiroo hawaasaa 470, hubannoon seeraa namoota 2,479,102_ ta’aniif kenamuu, Qarshiin 153,670,734.0 kan gorsaan, falmiin, mootummaa irraa ittifame, gara kaazinaa mootummaa galii tahuun gabaafame.

Seerota fi dokimantoota seera Naannoo fi Fedaraalaa karaa marsariittii/Fuula Teelegraama Waajjiraatiin Baay’inaan 14,616_uummata bira akka qaqqaban taasifamanii jiru. Dhaqqabamummaa tajaajila Abbaa Alangummaa dabaluuf Dhimmoota araaraan xumuramuu qaban _2586_keessaa dhimmootni _1588 uulaagaa barbaachisaa guutuun araaraan xumuramanii jiru.Haaluma kanaan, namoota dhiira_600,000_ dhalaa_400,000_ waliigalatti 1,000,000 ta’aniif hubannoo seeraa kennuuf karoorfanee mata duree Seera yakkaa,Heera motummaa, barmaatilee midhaa daa’immani … Read more