Dhaamsa hawwii gaarii

Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Obbo Asladdiin Ahmadnuur Ayyaana Qillee bara 2015 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Ergaa Isaaniitiinis Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa ergama sirna heeraa fi seeraa kabachiisuu fi Olaantummaa Seeraa Mirkaneessuu heeraan kennameef irratti hundaa’uun, jijjiirama qabatamaa fiduuf kan hojjetu ta’uu carraa kanaan ibsaa, ayyaanni Qillee hordoftoota Amantaa Kiristaanaatin bara kana Kabajamu kan milkii, jaalalaa, … Read more

Aanaa Malkaa Bal’ootti…

Gaafa guyyaa 5/4/2015 milishoota leenjii irra jiraniif mata duree heera mootummaa federaalaa, heera naannoo oromiyaa, seera yakkaa,mirgaa fi dirqama milishaa irratti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’ootiin leenjiin guyyaa tokkoo kennamee jira.

Aanaa Baddannootti…

Gaafa guyyaa 5/4/2015 Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo leenjii milishaaf Araddaa hunda irraa namoota walitti bahanif Dhimma Heera Mootuummaa, Mirga Namoomaa Fi seera Yakkaa kutaa waligalaa irratti hubannoo seeraa kenne jira.

Aanaa Qarsaatti… (hubannoo seeraa)

Gaafa guyya 11/2/15 Aanaa Qarsaa Aradda Wichirootti mata dureewwan labsii yakka shororkeessummaa ittisuf bahe akkasumaas dhimma dubartii fi da’immanii irratti fi istaandaardii kenna tajaajila Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa irratti hawaasaaf hubannoon seeraa kennamera.Haqaan haqaaf hojjanna.

Aanaa Meettaatti (hubannoo seeraa)

Waajjirri A/Alangaa Aanaa Meettaa gaafa guyyaa 11/2/2015 hawaasa Araddoota Caffee Rammis, Dhoqqee lakk 1 fi Dhoqqee lakk 2 irraa walitti qabamaniif hubannoo seeraa kenneera.