Adeemsa Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa

Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Ilaalchisee Aangoo fi Gahee Waajjirichaa fi Caasaalee Isaa...

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa fi caasaaleen isaa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu ilaalchisee Aangoo fi gahee armaan gadii ni qabaata...

  1. Manneen Hojiifi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu’ee himata hariiroo hawaasaa ni hundeessa; ni falma; deebii ni kenna; dhimmoota falmiin jalqabame gidduu seenuudhaan ni falma; murtii kenname bu'uura seeraatin ni raawwachiisa;
  2. Waliigalteewwan manneen hojiifi 

  1. Manneen Hojiifi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu’ee himata hariiroo hawaasaa ni hundeessa; ni falma; deebii ni kenna; dhimmoota falmiin jalqabame gidduu seenuudhaan ni falma; murtii kenname bu’uura seeraatin ni raawwachiisa;
  2. Waliigalteewwan manneen hojiifi dhaabbilee misoomaa mootummaa naannichaa qaama biroo waliin taasisan ilaalchisee seera qabeessummaa isaa ni xiinxala; gorsaafi deeggarsa seeraa ni kenna;
  3. Dhimma hariiroo hawaasaa manneen hojii yookiin dhaabbileen misooma Mootummaa Naannichaa irratti waldhaban ilaalchisee dhimmichi mana murtii yookiin mana murtiin ala mala filannoo jiruun akka furamu ni murteessa; bu’uura murtichaatiin raawwatamuu isaa ni mirkaneessa
  4. Namoota himannaa hariiroo hawaasaa banachuuf yookiin falmachuuf humna dhaban keessumaayyuu dubartoota, daa’imman, qaama miidhamtootaafi maanguddoota bakka bu’ee ni falma; akka falmamu ni taasisa; 
  5. Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra gaheefi himata dhiyeeffachuufi falmuuf humna hin qabne bakka bu’ee beenyaa akka argatan himannaa hariiroo hawaasaa ni dhiyeessa; ni falma yookiin walta’iinsa ni taasisa.
  6. Qoodiinsa Aangoo fi Gahee hojii Mana hojichaa fi caasaalee isaa Hojiiwwan dhimoota Hariiroo hawaasaa ilaalchisee aangoo fi gaheen hojii mana hojichaa fi caasaalee isaa dhimmoota armaan gadii bu’uura godhachuun kan qoodamu ta’a:
  7. Dhimma gorsa seeraa ilaalchisee  a) Ciminaa fi wal-xaxiinsa dhimmichaa, fi  b) Sadarkaa (Aanaa/ Magaala, Godina yookiin Naannoo) manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jarmiyaalee ummataa dhimmichi irraa dhiyaatee
  8. Wixinee waliigaltee bulchiinsaa gulaaluu ilaalchisee a) Ciminaa fi wal-xaxiinsa dhimmichaa, fi b) Sadarkaa Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jarmiyaalee ummataa dhimmichi irraa dhiyaatee
  9. Falmii Hariiroo Hawwasaa fi raawwii murtii ilaalchisee aangoo abbaa seerummaa manneen murtii sadarkaa irra jiranii irratti kan hundaa’u ta’a.1.

Hojiiwwan gurguddoo adeemsa hojii haaraa fi yeroo itti raawwataman

Gorsa

  1. Tajaajila gorsa seeraa kennu ——–

  • Afaniin yoo ta’e sa’a 1.30 

  • Barreeffaman yoo ta’e hanga guyyaa 2 fi sa’a 2.45

2. Waliigaltee Bulchiinsaa wixinessuun qopheesuu  —— guyyaa 2- 5

3. Waliigaltee bulchiinsaa qophaa’e gulaaluu —– guyyaa 1

4. Mala filannoo waldhabdee hiikutti fayyadamuun furmaata kennuu guyyaa 10

Falmii

1. Himata qopheesuu —– guyyaa 3-8

2. Deebii qopheesuu —– guyyaa 3-8

3. Qabeenya himatamaa adda baasuun dhorkisiisuu guyaa 3

4. Ajaja mana murtii ykn waraqaa waamichaa baasisuun deebii kennaa qaqqabsiisuu guyaa 1

5. Beellama mana murtitti dhiyaachuun falmii gaggesuu — akkataa bellamaatiin

6. Komii ykn Deebii ol’iyyannoo qopheessuu —– guyyaa  3-5

7. Iyyata ykn deebi ijjibbaataa qopheessuu —— guyyaa  5

8. Himata ykn deebii raawwii qopheessuuf —– guyyaa 5

9. Himata raawwii qabeenya ykn mahallaqa murtii yakkaatiin ykn seeran akka dhaalamu murtaa’e, adabbii mahallaqaa fi dirqama waabummaa bahuu dhabuu galii akka ta’u murtaa’ee qopheesuun dhiyeesuu Guyyaa — 10

To'annaa fi Hordoffii

1. Odeeffanoo, gabaasa fi gaaffiwwaan adda addaa fudhachuun galmeesu  daqiiqa 30

2. To’annaa fi hordoffii dhimma hariiroo hawwasaa manneen hojii gaggesuu — ji’a ji’an gabaasaan, kurmaana kurmaanaan qaaman argamanii ilaaluu.

3. Iyyata maamilaaatiif furmaata kennuu  sa’ati 2

Author