Adeemsa Hojii Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa fi Dinagdee

Dhimmootni yakka malaammaltummaa armaan gadii sadarkaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaatti eeruun isaanii kan dhihaatu; poolisii waliin kan qorataman; himatamanii fi falmiin gaggeeffamu ta’a:

1) dhimmoota yakka Malaammaltummaa Hooggantootaa fi Itti Aantota Hooggantoota Manneen Hojii Mootummaa Aanaa; Hooggantootaa fi Itti Aantota Hooggantoota Manneen Hojii Mootummaa Magaaloota Muummee fi Ol’aanaatiin ala jiran; Maahandisoota Manneen Hojii Mootummaa Aanaa yookiin Bulchiinsa Magaalaa kamiyyuu; hojjatoota Manneen Hojii mootummaa Godinaa,Magaalaa fi aanaa; hojjattoota dhaabbilee misooma mootummaa sadarkaa Damee yookiin Godinaatti jiran; Gaggeessitootaa fi Miseensoota Boordii jaarmiyaalee uummataa Godinicha keessa jiraniin raawwataman ta’ee aangoo sadarkaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif kennamaniin ala jiran irratti;

2) yakka malaammaltummaa miseensoota Poolisii Godinaa; miseensota Poolisii manneen sirreessaa Godinaa; Ajajaa fi miseensota Poolisii manneen sirreessaa Aanaa; Pirezidaantii fi Abbootii seeraa Mana Murtii Aanaa; Itti Gaafatamaa fi Abbootii Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa; Ajajaa fi Miseensota Poolisii Aanaa; miseensota Poolisii Magaalaatiin raawwataman irratti;

3) yakka malaammaltummaa manneen hojii mootummaa, dhaabbilee Misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataa faayidaa tarsimaawaa ol’aanaa qaban keessatti raawwatame ta’ee hangi miidhaa dhaqqabe, maallaqa qisaasame yookiin bu’aan argame miliyoona kudhanii fi kudhanii gadi ta’e irratti;

4) dhimmoota yakka Malaammaltummaa Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee Misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataa Godina keessa jiraniin raawwataman ta’ee Maanuwaalii kanaan ifatti Aangoo Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif yookiin Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa yookiin magaalaatiif hin kennamne irratti;

5) dhimmoota yakka malaammaltummaa aangoo Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa ta’e Manni Murtii Waliigala Naannichaa bakka bu’uummaan aangoo irratti qabu ilaalchisee Daarektara yookiin Qindeessaa Dhaddacha Dhaabbiif beeksisuun eeruu simachuun, poolisii waliin qorachuun, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif yookiin Dhaddachaalee Dhaabbii Mana Hojichaaf dabarsuu;

6) dhimmoota yakka malaammaltummaa sadarkaa naannootti qorataman ta’ee Mana Hojii Naannichaatiin akka raawwatan bakka buufaman yookiin ajajaman raawwachuu;

7) Manni Hojii Abbaa Alangaa Godinaa Aangoo fi gahee hojii isaa keewwata kana jalatti ibsaman hojiirra oolchuuf Aanaa yookiin Magaalaa bakka buusuu yookiin ajaju ni danda’a;

8) dhimmoota ifatti maanuwaalii kanaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatii fi Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaatiif/Magaalaatiif hin kennamne bu’uura seeraatiin raawwachuu.

Dhimmoota Yakka Taaksii Sadarkaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaatti Dhihaatan Yakka taaksii ilaalchisee sadarkaa Mana Hojii Godinaatti dhimmoota armaan gadii irratti Abbaan Alangaa poolisii waliin ni qorata; murtii ni kenna; ni himata; ni falma:

1) Dhimmoota yakka taaksii Aangoo Aanaa yookiin Godinaa ta’anii sadarkaa Godinaatti yoo qoratame qofa bu’aa qabeessa ta’uu danda’u jedhamanii yaadaman irratti;
2) Dhimmoota yakka taaksii raawwiin isaanii Aanaalee lamaa fi sanaa ol walquunnamsiisan ta’ee Aanaa irratti qorachuun rakkisaa yemmuu ta’ee deeggarsa kennuu yookiin akkuma barbaachisummaa isaatti poolisii waliin ni qoratu;
3) Dhimmoota yakka taaksii fi Gumurukaa Aangoo Mana Murtii Federaalaa ta’anii Manneen Murtiii Naannichaa bakka bu’uummaan aangoo irratti qabaniin walqabatee barbaachisaa ta’ee yoo argamee qaama dhimmi ilaalu waliin qorachuu; qorannoon akka gaggeeffamu taasisuu;
4) Dhimmoota yakka taaksiin walqabate Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaan akka raawwatan bakka buufaman yookiin ajajaman raawwachuu.

Istaandardii kenna tajaajilaa (Gochawwan Gurguddoo fi Yeroo Itti Raawwataman)

 1. Iyyata/koomii dhiyaate fuudhuu /keessummeessuu 

– Iyyata eegumsa eeruu kennitotaa fi ragaa baatoota Yakka Malaamtummaaf sa‟aatii 5:00 keessatti akkasumas iyyannoof daqiiqaa 45 keessatti; 

– Yakka taaksii (daqiiqaa 30 keessatti) 

2. Odeeffannoo ykn Eeruu fuudhuu  

– Yakka malaamtummaaf (sa‟aati 2:00 keessatti) 

– Yakka taaksii (daqiiqaa 30 keessatti) 

3. Gocha yakkaa qorachuu 

– Yakka malaamtummaaf – akka amalaa fi walxaxiinsa yakkichaatiin: 

▪ Salphaa (guyyaa 20 keessatti) 

▪ Giddu galeessa (ji‟a tokkoo fi guyyaa 15 keessatti) 

▪ Walxaxaa (ji‟a sadii keessatti) 

– Yakka taaksii- akka amalaa fi walxaxiinsa yakkichaatiin: 

▪ Salphaa (guyyaa 8 keessatti) 

▪ Giddu galeessa (guyyaa 15 keessatti) 

▪ Walxaxaa (baatii 2 keessatti)  

4.Galmee qorannoo Irratti murtii Abbaa Alangaa kennuu 

– Yakka malaamtummaaf- (guyyaa 13 keessatti) 

– Yakka taaksii-(guyyaa 6 keessatti) 

5. Falmii duraa gaggeessuu  

– Yakka malaamtummaaf-(guyyaa 13 keessatti) 

– Yakka taaksii- (guyyaa 13 keessatti) 

6. Falmii Ol- Iyyannoo Gaggeessuu 

– Yakka malaamtummaaf- (guyyaa 10 keessatti) 

– Yakka taaksii- (guyyaa 2 keessatti) 

7. Falmii Ijibbaataa gaggeessuu  

– Yakka malaamtummaaf- (guyyaa 15 keessatti) 

– Yakka taaksii- (guyyaa 10 keessatti)

Ob/ Girmaa Ballaxaa
Abbaa Adeemsa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa fi Dinagde

Author