Dhaamsa hawwii gaarii

Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Obbo Asladdiin Ahmadnuur Ayyaana Qillee bara 2015 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa Isaaniitiinis Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa ergama sirna heeraa fi seeraa kabachiisuu fi Olaantummaa Seeraa Mirkaneessuu heeraan kennameef irratti hundaa’uun, jijjiirama qabatamaa fiduuf kan hojjetu ta’uu carraa kanaan ibsaa, ayyaanni Qillee hordoftoota Amantaa Kiristaanaatin bara kana Kabajamu kan milkii, jaalalaa, gammachuufi nagaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Ayyaana Gaarii!

Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa GHB

Mudde 28/2015

Author

Leave a Comment