Yakka Ajjeechaa lubbuu fi Adabbii isaa (A/Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin)

 Maalummaa yakka ajjeechaa Lubbuu

Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon meeshaa yookiin tooftaa akaakuu kamiiniyyuu nama biroo kan ajjeese yoo ta’e ajjeesaa lubbuuti.  Adabbiin nama itti yaadee yookiin dagannoon nama ajjeesuun balleessaa ta’erratti murtaa’u, akka salphinaafi cimina ajjeechaa sanaatti bu’uura tumaalee ajjeechaa lubbuu seera yakkaa keessatti ibsamaniin murtaa’a.Itti yaadee yookiin dagannoon kan nama ajjeese hundi kan adabamu bu’uura adeemsota murtii seera qabeessa ta’aniifi murtiiwwan isaanii qofaan ni ta’a.seera yakkaa keewwata 538.gosoota yakka ajjeechaa lubbuu fi adabbii isaanii waliin akka itti aanutti haa ilaalluu.

Yakka Ajjeechaa lubbuu cimaa

 ✅️ Namni kamiyyuu nama ajjeesuuf yaanni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan  yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni waliigalaa adabbii cimsu /keewwata 84/ yookiin sababni biroo /keewwata 86/ yommuu ilaalamu ajjeesaan keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun; yookiin  miseensa garee wanbadee nama ajjeesuuf yookiin yakka wanbadummaa raawwachuuf gurmaa’ee ta’uun; yookiin yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijaawuuf yookiin yakki raawwatame akka hin beekamne taasisuuf jecha;  itti yaadee nama kan ajjeese yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

✅️Kana jechuun fakkeenyaaf namni tokko cuupheedhaan nama biraa iddoo baay’ee waraanuun kukkutee erga ajjeesee booda yakkichi akka dhokatuuf iddoo hin mul’ate bosona, bo’oo galaanaa, iddoon kosiin itti gatamutti reefta kana gate yakka ajjeechaa namaa cimaa ta’een jalatti adabama.

✅️Yakkamtichi adabbiin hidhaa cimaa umurii guutuu itti murtaa’ee, adabbicha raawwachaa osoo jiruu, haala seera yakkaa keewwata 539(1) jalatti(haala  armaan olitti ibsameen) nama kan ajjeese yo ta’e du’aan ni adabama(Seera yakkaa keewwata 539)

Yakka ajjeechaa lubbuu namaa dassiba

✅️ Namni kamiyyuu haalli ajjeechaa akkaataa keewwata 539 jalatti ibsameen cimaa yookiin akkaataa keewwata 541 jalatti ibsameen salphaa haala hin taaneen itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;  hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuun ni adabama.Seera  Yakka kwt 540

Yakka ajjeechaa lubbuu namaa Salphaa

✅️Namni kamiyyuu:daangaa haala dirqisiisaa darbuun /keewwata 75/ yookiin daangaa ofirraa ittisuu seera qabeessa ta’e darbuun /keewwata 78/; yookiin  sababa olaanaa garmalee nama aarsuun yookiin sababa tasaa sammuu jeequ inni hin eegneen yookiin miira olaanaan yookiin miira ho’aa onnee tuquun qabamuurraa kan ka’een ta’ee; haalawwan tilmaama sammuutiin kana raawwachuuf nama geessisaniifi gartokkeen dhiifama kennisiisaniin;  itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

Fakkeenyaaf namni maqaan isaa X qaama miidhamaa(dhukkuba Juuzaam dhukkubsate) harka hin qabne yo tahe Y immoo miidhuma sanaan X yoo arrabse X butamuun Miira yeroof sammuu isaa jeequ keessa galuun Shugguxiin Y mataa irra rukutuun yoo ajjeese ajjeechaa namaa salphaa ta’een himatamee adabama jechuudha(Seera yakkaa keewwata 541)

Namni Biroo akka of ajjeesu kakaasuu

✅️Namni kamiyyuu namni biroo akka of ajjeesu kan kakaase yookiin kan gargaare yoo ta’e yaaliin of ajjeesuu yommuu taasifametti hidhaa salphaan; gochi of ajjeesuu yommuu raawwatametti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

✅️Akka of ajjeesu namni kakaafame yookiin gargaarsi taasifameef ijoollee gaa`elaafhin geenye yookiin sababa dhukkuba sammuun yookiin dullumaan dandeettii

dhabee kan ture yoo ta’e; adabbiin kakaasaa yookiin gargaaraa irratti murtaa’u namni kakaafame yookiin gargaarame of ajjeesuuf kan yaale yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen; kan of ajjeese yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni ta’a.seera yakkaa kwt 542

Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu

 ✅️ Namni kamiyyuu seera  yakkaa keewwata  54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin

kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay’een fe’uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta’ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du’u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543

Daa’ima Ajjeesuu

✅️Haati tokko da’uuf ciniinsuun yommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbiin itti yaaddee daa’ima ishii kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.

✅️Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imicharra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa

✅️Haati tokko haalawwan seera yakkaa keewwata  542  (1) jalatti ibsameen ala daa’ima ishii itti yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.

✅️ Namni biroo akkaataa seera yakka keewwata 542 (1) jalatti ibsameen raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa osoo hin taasifamiiniif akka haala dubbichaafi akka hamma badii isaatti bu’uura tumaalee seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.(keewwata  542)

Akka waliigalaatti yakki ajjeechaa lubbuu namaa ,cimaa,dassiba, salphaa fi dagannoon nama ajjeesuutti akka qoodamu ibsamee jira.hundinuu akkaatuma ulfaatina isaaniin bu’uura seera yakkaa tumaalee ajjeechaan wal qabataniin kan murtiin itti kennamuudha.

A/Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kana keessatti argamu kan barreessaati. Barruun kunis hubannoodhaaf malee imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

Waaghb.org

Author

  • Nuuraddiin Shaam

    Ob/Nuuraddiin Shaam barnoota seeraatin Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa irraa bara 2010 kan eebbifaman yoo tahu yeroo ammaa Godina Harargee Bahaatti Abbaa Alangaa Aanaa Gursum tahanii tajaajilaa jiru.

    nuraddinsham@gmail.com Shaam Nuuraddiin

Leave a Comment