Qabeenyaa Dhaalaa Qulqulleessuun Maaliif barbaachisa? (A/Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin)

Maalummaa Qabeenya Dhaalaa qulqulleessuu (Liquidation)

Seera Hariiroo Hawaasaa keenya keessatti qulqulleessa qabeenyaa dhaalaa jechuun:-dhaala kan fudhatu eenyufaa akka ta’e murteessuu, qabeenyi dhaalaa maal akka ta’e murteessuu,kaffaltii dhaalaa simachuu, idaa dhaalaa dirqama kaffalamuu qabu kaffaluu fi dhaalchisaan dhaamoo addaatiin kennaa taasise yoo jiraate kaffaluu fi dhaamoo raawwachiisuuf tarkaanfiwwaan barbaachisaa ta’an kan biroo raawwachuu akka ta’e tumaalee gocha qulqulleessituu dhaalaa fi aangoo qulqqulleessituu dhaalaa tarreessan irraa ni hubatama. (Seera Hariiroo Hawaasaa kwt.944 fi kwt.956)

↪️Qabeenya dhaalaa qulqulleessuun(liquadation) maaliif akka barbaachisu kaayyoon isaa maal akka tahe baruuf barruu itti aanu kana dubbisaa.

✍️1. Mirga dhaalchisaa fi abbootii mirgaa kabachiisuu;-

mirgi dhaalchisaa dhaaltotaatti darbuun duratti namoota dhaalchisaa irraa mirga ykn gaaffii kaffaltii qaban dursa keessummeessuu jechuun,fakkeenyaaf, dhaalchisaan du’uun duratti mirga kaffalatii waliigaltee irraa madde qabaachuu danda’a. Haata’uu malee, bu’uura waliigalteetiin yeroon kaffaltii isaaf raawwatu gahee otoo jiruu garuu dhaalchisaan kaffaltii kana otoo hindeebifatin kan du’e yoo ta’e, bakka isaa bu’anii kaffaltii kana simachuu, akkasumas faallaa kanaa bu’uura waliigalteetiin yeroon kaffaltii gahee garuu immoo dhaalchisaan abbaa mirgaatiif dirqama kaffaltii raawwachuu otoo hinbahin kan du’e yoo, ta’e dursa adda baasuudhaan kaffaltii raawwachuun; akkasumas dhaaltota dhaamoon addatti taasifameef yoo jiraatan dursa keessummeessuu fi dhumarrattis dhaaltota seeraan ykn sirna dhaamoo waliigalaatiin dhaaluu danda’aniif gahee gahee isaanii ibsuudhaan gabaasa gochuudha.

Qabeenyaan dhaalaa hanga hin qulqulloofnetti akka ‘qabeenyaa of danda’etti ’distinct estate’itti kan lakkaa’amu ta’uu seerri ifatti kaa’eera. Akkasumas, qabeenyaan dhaalaa adeemsa qulqulleessuu qabeenyaa dhaalaa keessa darbee dhaaltotaaf hanga hinqoodamnetti akka qabeenyaa dhaalaa waliiniitti akka lakkaa’amuu fi mirgi dhaaltonni qabeenyaa dhaalaa waliinii kana irraa qabanis bu’uura seera qabeenyaa waliinii ykn ‘joint ownership’ kan qajeelfamu akka ta’e ifatti tumameera.

✅️Tumaalee kanarraa akka hubatamutti kayyoolee qabeenyaa dhaalaa addatti tursiisuu keessaa tokko eegumsa namoota mirga kaffaltii gaafataniif godhamuuti jechuu dandeenya. Sababiin isaas, qabeenyaan dhuunfaa dhaaltotaa idaa dhaalchisaatiif wabummaan qabamuu akka hindandeenye seerri ifatti kaa’eera. Kanaafi, namoota dhaalchisaa irraa mirga kaffaltii qabaniif wabii kan ta’u qabeenyaan du’aati waan ta’eef, hanga qulqulleessaan qabeenyaa dhaalaa raawwatamutti addatti tursiifamuu akka qabuu fi qabeenyaa dhuunfaa dhaaltotatti makamuu akka hinqabne seerri daangessee jira.

✍️2. mirga dhaaltotaatiif eegumsa gochuuf kan yaadamedha:-

Sababiin isaas qulqulleessaan qabeenyaa dhaalaa otoo hinraawwatamiin qaamni dursee qabate qabeenyaa dhuunfaa ofii kan taasifatu yoo ta’e mirga dhaaltotaa fi namoota dhaamoodhaan kennaa argatan miidhuu waan danda’uuf hanga dhaalli qulqullaa’uutti qabeenyaan dhaalaa of danda’ee akka turu kan yaadameef kanumaaf jechuu dandeenya.

✍️3. Haala Salphaa ta’een haqa abbootii mirgaa kabachiisuudhaaf;

Akkuma dhaalchisaan du’een dhaamoo sakatta’anii yoo argame kunuunsanii ol kaa’uun,iddee dhaamoon kuufametti ykn naannoo jireenya muummee dhaalchisaatti dhaamoon akka banamu gochuun, dhaaltota fi abbootiin mirga gaaffii maallaqaa dhaalchisaa irraa qaban akka dhiyaatan beeksisuun fi kkf yoo ilaalle, hanga yeroon dheerachaa deemuun ragaan barreeffamaas ta’e ragaan namaa dhimma dhaalchisaatiin wal-qabate baduun ykn maq-famuun haqa baasuu irratti rakkoo walxaaxaa waan hordofsiisuuf kana hambisuuf kan yaadameedha jechuu dandeenya. (Seera Haariiroo kwt.942,, kwt.1060, kwt.1257-1277 fi , kwt.943)

Guduunfaa

Qabeenya dhaalaa qulqulleessuu jechuun dhaalchisaan yeroo du’u qabeenya dhaalaa kan dhaalu eenyu, qabeenyi dhaalaa idaa irraa bilisa moo miti, qabeenyi dhaalaa maal faadha jedhanii murteessuudha.qulqulleessitoonni dhaalaas dhaaltootaa yookiin mana murtiin muudamuu ni danda’u. Kaayyoon Qabeenya dhaalaa qulqulleessuus mirga dhaalchiisaa fi abboottii mirgaa kabachiisuuf,mirga dhaaltootaaf eegumsa gochuuf fi haala salphaa ta’een haqa abboottii mirgaa kabachiisuu akka tahe ni hubatama.

Abbaa Alangaa Nuuraddiin Shaam Sheekaatin

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kana keessatti argamu kan barreessaati. Barruun kunis hubannoodhaaf malee imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

Waaghb.org

Author

  • Nuuraddiin Shaam

    Ob/Nuuraddiin Shaam barnoota seeraatin Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa irraa bara 2010 kan eebbifaman yoo tahu yeroo ammaa Godina Harargee Bahaatti Abbaa Alangaa Aanaa Gursum tahanii tajaajilaa jiru.

    nuraddinsham@gmail.com Shaam Nuuraddiin

Leave a Comment