Galmeessa Elektirooniksii (e-filing) fi teknooloojii Viidiyoo konfiraansi (VC)

Galmeessa Elektirooniksii (e-filing)

E-filing jechuun maali?

E-filing ykn Electronic Filing jechuun sirna galmeessa elektirooniksii sanadoonni adda addaa Mana murtii, Waajjira Abbaa Alangaa fi Waajjira poolisii jidduu ittiin daddabarfaman yoo tahu toora intarneetii fayyadamuun kan hojjatudha.

Galmeessi Elektironiksii (E-filing) biyya Amerikaa (USA) kessatti dhaabbata Galii Keessoo (IRS) jedhamee beekkamuun bara 1986 A.L.A. yeroo duraatif hojiirra oole. Yeroo sanittis kaayyoon isaa Ibsa gibiraa fi sanadoota gibiraan walqabatan abbootii dhimmaa irraa sassaabuu ture. Yommuu eegalamu qaamoota adda addaatiin akka hin milkoofne tilmaamamaa ture. Maqaa ‘mission impossible’ jedhus baasaniifii turan. Haa ta’u malee qeeqa jiru hunda bira taree milkaa’uu danda’eera. Gabaasni bara 2018 A.L.A. bahe akka agarsiisuttis ibsa gibiraa dhihaate kessaa %89 mosaajii e-filing fayyadamuun akka keessumeessan ni dubbata.

Bara1991 irraa egalee ammoo Manneen Murtii Amerikaa (USA) sirna kanaan fayyadamuu egalanii yeroo ammaa manneen murtii hunda biratti faayidaa irra oleera. Ollaan teenya Keniyaanis bara 2020 irraa egalee manneen murtii keessatti akka itti hojatamu ifatti jalqabsiiftee jirti.

Mosaajiin E-filing (e-filing software) qaamolee dhimmi ilaallatuuf sanadoota poostaadhaan erguu ykn qaamaan gessuurra karaa dijitaalawaa taheen toora intarneetitin erguf gargaara. Adeemsi guutuun isaa tartiiba kan qabudha. Fakkenyaaf sanadni tokko Waajjira Abbaa Alangaatif yommuu ergamu ogeessi isa dhaqqabuu mirkanessuun sana booda abbaa Alangaa, Adeemsa Ykn hojjataa Waajjiraa sanadni ergameef bira akka ga’u ni taasisa. Akkasumas qaamolee dhimmicha irratti fedhii qaban hunda ni hubachiisa. Kunis tajaajilli haqaa bifa saffisaa ta’een akka socho’u kan taasisudha.

Faayidaa E-filing qabu

Sirna efiling fayyadamuun faayidaa guddaa qaba. Isaan kessaa muraasni:-

1. Baasii Qusata

Galmeen elektirooniksii nama dhimmicha keessa jiru hundaaf baasii qusata. Kana booda waajjiroonni sanadoota qaamaan erguu hin qaban, kunis kaffaltii geejjibaa fi waraqaa qusata. Sanada sana karaa elektirooniksiitiin galmeessuun adeemsa duraanii sa’aatii dheeraa fudhatu san ni hambisa.

Galmeen elektirooniksii kun turtiin booda Waajjiroonni waraqaa malee (paper less) akka deeman illee kan dandeessisu yoo ta’u, kunis baasii ol’aanaa bahuuf malu hir’isa.

2. Itti fayyadama faayilaa salphaa

Faayilota duraan kutaa waajjiraa keessatti iddoo fudhatan amma guutummaatti karaa elektirooniksiitiin itti fayyadamuun danda’ama. 

3. Battalumatti deebisaa argachuu

Rakkoon galmee tokko keessa yoo jiraate battalumatti ni beekta. Ogeessi karaa elektirooniksiin diduu waan danda’uuf, dogoggora sana sirreessii irra deebitee dhiyeessu dandeessa.

4. Imalli Qaamaan Gara Mana Murtii Taasifamu Hin jiru

Galmeen Mana murtiitiif ergamee ol-iyyannaan banamuu ni danda’a waan taheef sirna Galmeessa Elektironiksii (E-filing) Waajjirri fayyadamu qaamaan mana murtii dhaqee galmicha bansiisuun irraa hin eggamu.

Teknooloojii Viidiyoo konfiraansi (VC)

Viidiyoo konfiraansiin teknooloojii fayyadamtoonni bakka adda addaatti argaman yeroo tokkotti walgahii akka gaggeessan taasisu yoo ta’u, teknooloojii kanatti fayyadamuun Fakkeenyaaf walgahii Waajjiraa, leenjii, ykn koree maanajimanti mariisisuun ni danda’ama.

Viidiyoo konfiraansiin bilbila ismaartii, taableetii ykn karaa laaptopii fi deeskitooppiitin ni hojjata.

Teeknooloojiin kun:-

– bu’aa qabeessummaa guddisa,

– yeroo qusata,

– baasii imalaaf bahu hir’isa,

Walumaa galatti hojiin galmeessa Elektirooniksii (e-filing) fi Viidiyoo Konfiraansii (VC) tajaajila haqaa saffina qabu kennuu keessatti gahee guddaa qabu.

(Tsegamikaa’eel Masfin)

Author

Leave a Comment