Himatamtootni gareen ta’uun yakka ajjeechaa sukanneessaa raawwatan hidhaa umrii guutuu fi hidhaa cimaa waggaa 18 tii adabaman!

Himatamtootni 1ffaan Saadiqaa Abraahim Abdullaa,2ffaan Nujumaa Abraahim Abdullaa fi 3ffaan Saafiyaa Yuusuf Alii jedhaman sababa himataaan 1ffaan du’aa ammaa Mahaammad Abdurramaan jedhamu waliin lola qabaniif yeroo adda addaa du’aa kanaan si ajjeesna jedhanii itti dhaadachaa turuun gaafa guyyaa 22/05/2013 guyyaa irraa too sa’aatii 10:00 yoo ta’u godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa araddaa Samiirgel ganda Usmeel iddoo addaa mana jireenyaa du’aa ammaatti itti seenuudhaan waliin ta’anii qabanii tumanii,beenzila itti naqanii haala sukaneessaa ta’een waan ajjeesaniif galmeen yakkaan irratti qulqullaa’ee Waajjira Abbaa Alangaa Godinaaf ergamee jira.
Abbaan Alangaa Godinaas dhimmicha keewwata seera yakkaa rogummaa qabu waliin xinxaluudhaan gaafa guyyaa 30/02/2014 seera yakkaa keewwata 32(1,a) fi 539(1,a) jalatti(himatamaa 1ffaa bu’uura s/d/f/y/ kew.161 tiin bakka hin jirretti) himannaa hundeessuun mana murtii olaanaatti dhiyeessee falmii gaggeessaa tureera.Manni murtiis dhimmicha irratti bitaa fi mirga falmisiisaa turuun dhaddacha gaafa 22/07/2014 ooleen himatamtoita 2ffaa fi 3ffaa hidhaa cimaa waggaa 18 mataa mataanii fi himatamaa 1ffaa bakka hin jirretti hidhaa umrii guutuu adabeera!
Haaf Haqaan Hojjenna!

Author

Leave a Comment