Ergamni keenya
Godina Harargee Bahaa keessatti seeraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala siyaawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuu.
Mullani keenya
Bara 2022-tti, tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Waajjiirra Abbaa Alangaa Godinaa Haragee Bahaa akka Naannotti fakkeenya ta’e arguu.
Duudhaalee keenya...
- Ol’aantummaa seeraa
- Faayidaa uummataaf dursa kennuu, eeguufi eegsisuu
- Bilisummaafi itti-gaafatamummaa ogummaa
- Iftoomina
- Hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbuu
- Fakkeenyummaa
- Hirmaachisummaa
- Eejjennoo gaarii
- Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
- Beekumsaa fi amantaan hoogganuu
- Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
- Deebii wayitaawaa kennuu
Galma Karoora Tarsiimo’aa
Galma 1ffaa
Bulchiinsaa Godinichaa keessatti hojii irra oolmaa Heeraa fi Seeraa raawwii caalmaa qabu galmeessisuu.
Bu’aa 1ffaa
Seeroota heeraan wal simatan bahani fi kabajaman, uummata mirga isaa beekee itti fayyadamee fi kabajamuu olaantummaa seeraatiif gahee irraa eegamu bahe, haqa bahe, yakka ittifame fi ragaa seera qabeessa ta’ee galmaa’ee.
Galma 2ffaa
Tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuu.
Bu’aa 2ffaa
Itti quufinsaa/amantaa uummataa kenninsa tajaajila Abbaa Alangummaa irratti qabu dabaluu, yakkoota ciccimoo dantaa ummataa miidhan (violent and collar crime) hir’isuu fi nageenya ummataa mirkaneessuu;
Galma 3ffaa
Ijaarsa dandeetti Waajjira Abbaa Alangaa Godina Hararge Bahaa Cimsuu.
Bu’aa 3ffaa
WAAGHB dandeettiin raawwachisummaa isaa fooyya’ee fi gama hundaan fakkeenyummaa gaarii qabu uumamedha.
Hoggansa Mana Hojii Keenyaan Walbaraa
Obbo Asladdin Ammanuur
Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Go/Ha/Bahaa
Dhaamsa Itti Gaafatamaa
Obboo Fu'aad Shariif Heydar
Adeemsa Hojii Mirkanessaa Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa
Obbo Girmaa Ballaxaa W/Masqal
Abbaa Adeemsa Hojii Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa fi Dinagdee
Suuraan ni dubbata
Author
-
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
https://www.waaghb.org waaghb1@gmail.com